mercredi 31 août 2011

Fincila diddaa gabrummaa gootota oromootin geggeeffamaa ture

 Abbaan barbaadde Jalee ilmaan tigraay yoo taateyyuu ummatni oromoo bilisummaan isaa hin hafu.
Garuu warri seenaa oromoo kan beeku nu malee hin jiru fii ummata oromoo namni bakka bu'uu danda'u tokkollee hin jiru jedhuudhaan yeroo hunda dhaadatan keessaa
         1-Abbaa duulaa gammadaa ykn minaasee walda goorgis
         2-Kumaa dammaksaa ykn Taayyee walda sanbati yeroo irraa yerootti beekaa of fakkeessanii mootummaa naannoo oromiyaatti aangoo irratti warri wal jijjiiraa jiran erga ummata oromoo bakka bu'aan isaan malee hin jiru ta'e maalif yeroo ummatni oromoo ilmaan tigraayin ajjeefam, hidhaan umrii guutuu itti murtaawu,yeroo biyya irraa dargaggootni oromoo warri boruuf biyyaaf abdii qaban biyya irraa mancahaa jiran kana maalif cal jedhanii ilaalu yoo oromoo bakka bu'uu danda'an?
    Harcaatuu dargii fii booji'amtuu wayyaanee kan taate seenaa oromoo eessa haadha isheetti beektii seenaa oromoo beekna jechuudhan ummata gowwomsaa jirti.namni seenaa ofii beeku akka adda bilisummaa oromootti qabsoo haqaa geggeessa malee yoom alagaa jalatti galee lammii isaa diinatti gurgurata?

Bu'uuressaan website kanaa* kiilolee birraa*

       Gara bakkalcha bilisummaa oromoo kanatti baga nagaan dhuftan,bakkalchi bilisummaa oromoo hojii jalqabuuf erga murteeffatee yeroo muraasa lakkaawwatee jira.garuu haala rakkina yeroo irraa kan ka'een yeroo barbaadamu sanatti hojii isaa jalqabuu hin dandeenye.kunis maal irraa kan ka'e yoo jenne haala jiruu biyya ormaa kan boqonnaa hin qabne wajjin walitti dabalamee yeroo dhabuu irraa kan ka'een yeroo hojii jalqabuuf murteeffatetti hojii isaa jalqabuuf kan gufuu itti ta'e rakkinan asiin olitti dubbadhe kana yommuu ta'u yeroo ammaa kana garuu barreeffama xixinnaa qopheessudhaan sabboontota oromoo hunda warra biyya keessa jiranii fii warra baqattummaan biyyota adda addaa keessa jiran hunda hirmaachisuu jalqabee jira.egaa bakkalchi bilisummaa oromoo kun ammaan duras hojii xinnoo tokko kan jaldhabee dhiise yommuu ta'u bifa barbaachisaa hin taanen kan qophaawe waan ta'ee haala hirmaannaa ummataaf mijjawun yeroo amma kana bifa gaarii ta'een hojii isaa jalqabee jira.
      Kanaaf sobboontota qabsoo bilisummaa oromoo miseensota deeggartootaa fii hawwii bilisummaa oromoo akkasumas hadooddii oromummaa warri qabdan ilmaan oromoo hundi keessan hirmaannan keessan nu faana akka ta'uu fii fuula duraaf gamtaa tokkummaa keenyaa cimsachuuchuudhan rakkina kaleessa ture irraa barannee kan boruutif itti haa qophoofnu.ammaan duras otuu biyya qabnuu otuu qabeenyaa fii beektotas ta'ee goototas qabnuu sababa tokkummaa dhabuu keenyyaa duwwaaf alagaan karaa nutti argattee warra garaan gurgure nu keessaa funaantee leenjifachuun akka bittaa gabrummaa warra habashaa jalatti kufnu nu taasisee kan jiru tokkummaa dhabuu malee waan biraa tokkollee kan nuti dhabne tokkollee hin jiru ture.

Sabboontota Oromoo Warra Ta'an Hundaaf

       Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti qilleensa irraan isin haa dhaqqabu kabajamtoota,sabboontota ilmaan oromoo hunda keessaniif nagaa koo ergan dhaamee booda waantin jechuu barbaadu hundi asiin gaditti akka argamu kanadha.nagaa koo gabaabduu kanatti aansee ergaan barreeffama kanaa haala yeroo ammaa kana biyya oromiyaa keessatti hojjatamaa jiruu fii waan hojjatamuuf deemu irratti xeyyeeffachuudhan barreeffama dhiyaate yommuu ta'u barreeffama kana gadi fageenyan erga hubattanii booda ergaa inni qabu hubachuun barbaachisaadha.
        Haalli yeroo ammaa biyyattii habashaa keessatti ilmaan tigraayin hojjatamaa jiru kan akka malee nama gaddisiisu yommuu ta'u wayyaanen sodaa ilmaan oromoo irraa qabdu keessumatti barattoota oromoo irraa qabdu irratti alkanii fii guyyaa boqonnaa dhabuudhaan dhaabbata china tokko kan maqaan isaa BITSCHINEORE jedhamu wajjin hojii technology cimaa kan ta'e biyyattii keessatti baballisaa akka jiran odeeffannoon oromiyaa irraa nu qaqqabe addeessee jira.haala kana irratti barreeffama tokko kan barreeffame irratti haalli isaa maal akka fakkaatuu fii maal hojjachuu akka wayyaanen barbaaddu hunda iccitii isaanii kan argate maddi odeeffannoo kanaa ammas fuula duraaf waan biyya keessatti hojjatamaa jiru irratti hordoffii guddaan akka godhamaa jirus hubachuun barbaachisaadha.
      Haaluma kanaan wal qabatee biyyota africa keessatti rakkinni deemaa jiru kun biyya keenyas hin hanqatu jechuudhan wayyaanen boqonnaa dhabdee alkanii fii guyyaa fiffigaa akka jirtuu fii gareelee harawa akka leenjisaa jirtus gabaasa kana keessatti barreeffamee jira.egaa haaluma kanan wal qabatee barreeffama isa kana dura barreeffama tokko kan barreeffame hunda isaa gadi fageenyaan erga dubbiftanii booddee ergaa inni of keessaa qabu hunda irratti gadi fageenyan xiyyeeffannaa irratti gochuu akka qabdan jechuudhan barreeffama isa kanaan isin yaadachiisuu barbaadna.
      Kanaaf odeeffannooleen keenyas yeroo hunda kan addaan hin citne yommuu ta'u sabboontota qabsoo bilisummaa oromoo warri taatan hundi keessan yeroo irraa yerootti akka barreeffama keenya ordoftan jechuudhan irra deebiinee dhaamsa keenya dabarsina.