dimanche 28 août 2011

Bakkalcha-bilisummaa

         Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan isin haa gahu kabajamtoota jaallatamtoota sabboontota ilmaan oromoo akkam jirtu fayyaa nagaa keessanii jedhee ergan nagaa koo isin gaafadhee booda waantan jechuun barbaadu yoo jiraate asiin gaditti akka argamu ta'a.
       Itti aansudhaan waantin jechuu barbaadu ammaan dura sababa tokkummaa dhabuu keenyaatiin biyya keenya irratti tokkummaa dhabnee mirga abbaa biyyummaa keenyaa sarbamuudhaan jiraachaa kan terrree fii yeroo ammaa kanas jiraachaa kan jirru yommuu ta'u haalli kun maal irraa madduu akka danda'e yoo wal gaafanne deebiin isaa waan fagoo jiru natti hin fakkaatu.haala kana irraa ka'uudhaan yeroo ammaa kana ummatni oromoo rakkina addaa adaa isa irra jiru mancaasee of irraa balleessuuf yaalii gochaa jiraachuu fii tattaaffii guddaa irra akka jiran hubachuun barbaachisaadha.