vendredi 2 septembre 2011

Barataa Zammachuu makonnien eessa akka gahe dhabamee jira.

     Barataa zammachuu makonnin yeroo ammaa kana eessa akka jiru dhabamuu isaa beekamee jira.zamachuun barataa university Adama yommuu ta'u akkuma barumsa isaa irra turetti yeroo boqonnaatif gara warra isaa akkuma deemen warra isaa biraa qabamee yeroo ammaa kana mana hidhaa wayyanee hunda keessaa barbaadamee kan dhabame ta'uu beekamee jira.
     Barataa zammachuun badii tokku malee jalee wayyaanotaatni yakkamee maatii isaa biraa kan dhabame yommuu ta'u warri isaa ykn maatin isaa yoroo ammaa kana akka malee barbaadaa akka jiranii fii barbaadaniis argachuu akka hin dandenyes gabasaa oromiyaa irraa nu qaqqabe irraa hubachuun danda'amee jira.

     Egaa akkuma beekamutti barattootni oromoo yeroo ammaa lakkoofsi isaanii 12.013 ol kan ta'u mana hidhaa wayyanee keessatti akka dararamaa jiranii fii murtiin hidhaa umrii guutuu fii ajjechaallee akka itti murtawaa jirus hubatamee jira.barataa seenaa mararaa kan jedhamu university arbaminch irraa kan qabame yeroo ammaa kana murtiin du'aa akka itti murtaawes odeeffannoon kun itti dabalee addeessee jira.kana duwwaa otuu hin ta'in barattoota baay'een haaluma wal fakkaatu irratti kan argaman yommuu ta'u yeroo irraa yerootti barattota oromoo irratti tarkaanfin ilmaan tigraayin fudhatamu ammas bifuma wal fakkaatun itti fufee jira chuun gabafaamee jira.