lundi 12 septembre 2011

Amantii fii sabummaa kamtu dursa jettu?

   Amantii fii sabummaa kantu dursa mata duree jedhu jalatti waanti ani dhiyeessuu barbaadu asiin gaditti yaada gabaabaa tokko barreessuun barbaada.sunis waan amantii faallessu otuu hin taane kan amantii fii sabummaas deeggaruu fii jajjabina kan kennu ta'uu isaa hubachuu qabdu.
     Akkuma beekamutti amantiin saba oromoo kan ganamaa waaqeffataa yommuu ta'u yeroo booda garuu sababa amantiin babal'dhachaa dhufeen amantiin oromoo bifa adda addaatti addaan qoodamuun isaa kan beekamu yommuu ta'u haala knaan wal qabatee yaada yeroo dhihoo kana keessatti dhiyaate tokko irratti namootni baayyeen wal mormaa akka turan mormiin isaanii akka malee kan nama gaddisiisu ta'uu isaa waanan hubadheef yaada kana maxxansuuf dirqama natti ta'eera.
     Amantiin oromoo kan ganamaa waaqeffataa yommuu ta'u yeroo ammaa kana garuu amantiin saba oromoo waaqeffataa,islama,chiristian fii akkasumas amantii adda addaa kan hordofan yommuu ta'u waa'ee amantii kana irratti wal qoodinsi oromootaa ammas itti fufee jira.sunis garee/groupes/maqaan ishee chiristian and islam jedhamtu tokko yeroo baayyee amantii irratti namoota baayyee wajjin akka wal lolaa jiran akkasumattis oromoon dhaloota isaa durayyuu islama kan jedhamu yaada dhiyeessudhaan akka lammiin oromoo itti addaan wal qoodu gochuuf tattaaffachaa kan jiran yoo ta'eyyuu yeroo ammaa kana garuu lammii oromoo dammaqee kan ta'uu isaatif waa'ee amantii kana irratti dhimma godhatee kan dubbatu namoota qubaan lakkaawwaman malee harki guddaan garuu rakkina amantii akka hin qabnee fii rakkoon ummata oromoo bilisummaa dhabuu malee amantii akka hin dhabnee fii amantiin akka hin gabroomfamne dubbatu.garuu garee kana keessatti yaadni kun fudhatama hin qabu kan jedhan namootni tokko tokko ejjannoo godhatanii mormii cimaa dhiyeessaa kan jiran ta'uunis hubatameera.
    Akka jecha isaanitti oromummaa dura islamummaatu dursa kan jedhan yommuu ta'u otuu hin dhalatin dura amantii islamummummaa hordofaa turre warri jedhanis asuma garee kana keessatti argamu.akka fakkeenyatti namoota kana keessaa muraasa kan ta'an maqaa isaanii kaasun hin danda'ama ture garuu ammaaf maqaa isaanii kaasun boruuf bu'aa tokkollee kan hin qabne waan ta'eef maqaa jara kanaa kaasuun waan bu'aa qabu ta'ee natti hin mul'anne waan ta'eef kaasun barbaachisaa natti hin  fakkaatu.oromoon otuu hin dhalatin dura amantii islamummaa hordofaa ture inni jedhamu kun kan nama gaddisiisu ta'uu isaa fii fuula duraaf haalli kun biyya keessattis ta'ee biyyaan alatti ilmaan oromoo jiddutti babal'dhachaa yoo dhufeef qabsoo bilisummaa oromoo irratti gufuu cimaa akka ta'u hubatamee jira.
      Egaa ani as irratti waantin jechuu barbaadu amantii isa kamiyyuu tuquu otuu hin taane amantiin inni kamiyyuu kabajamaadha.garuu amantii gaaddisa godhatanii warri oromoota addaan baasuuf tattaaffachaa kan jiran otuu seenaa isaanii of duuba deebi'anii of xiinxalanii haalan gaarii natti fakkaata kan jedhu irratti xiyyeeffadheen barreesse malee amantiin kamiyyuu kabajamaadha,kabajamuus qaba.
    Yeroo ammaa kana ummatni oromoo dhibba irraa sagaltamii shan 95% oromummaa isaanitti dammaqaanii jiru malee rakkoon amantii ummata oromoo keessa akka hin jirre sirritti hubatamee jira.bakka kun hundi ummata oromoo biratti bakka argatee jirutti ammas akka gaafa bara 1960nni keessa qabsoon bilisummaa oromoo amantiin addaan qoodamuudhan bakka injifannoon galmeeffamuu gahetti sababa addaan wal qoodinsi isaan jiddutti argameef jecha qabsoon kun akka of duuba deebi'u ta'uu isaas eenyuyyuu kan beeku natti fakkaata. 
     Egaa as irratti waanti guddaan beekamuu qabu tokko inni guddaan amantii fii kutaan adda wal qoodun ammas yoo kan nu jiddutti uummamu ta'e qabsoon bilisummaa oromoo ammas waggoota dheeraa fudhachuu akka danda'uu fii oromiyaas ta'ee lammiin oromoo gabrummaa habashaa jalatti akka hafu taasisuu irraa waanti of duuba isa deebisu tokkollee hin jiru.namni oromoo ta'ee uumame tokko amantiin isaa kan barbaade haa ta'u garuu waanti beekun irra jiraatu***mirgaa fii amantiin keenya bilisummaa duwwaadhan akka kabajamu beekuu akka qaban dhaamsa koo kan oromummaa dabarsuun barbaada***barreeffama kana irratti yaada bal'dhaa kennuun barbaachisaa waan ta'eef irratti hirmaadhaa.yaada qabdan sodaa tokko malee barreessaa wal amanuu fii wal amansiifnee waliin tarkaanfachuun boruuf bu'aa guddaa nuuf qaba waan ta'eef bakka jirtan hundatti yaada kana irratti hirmaadhaa.
               **Gadaan gadaa bilisummaati**

               **Oromiyaan ni bilisoomti**    

2 commentaires:

Abbaa magaal a dit…

Yaada keessan kennachuuf bakka kana tuquudhan yaada keessan barreessaa

Abbaa magaal a dit…

Yaada keessan wartri barreessuu barbaaddan barreeffama jala kana jiru Engristiare kan jedhu erga tuqxanii booda yaada keessan barreessuu ni dandeessu