vendredi 23 septembre 2011

         Fincila diddaa gabrummaa sabboontotaa.
Fincilli diddaa gabrummaa sabboontota oromoo yeroo ammaa kana biyya keessattis ta'ee biyyaa alaattis itti fufee jiraachuu isaa ilaalchisuudhan haala yeroo ammaa dhaabota siyaasaa oromoo jidduu rakkina tokko tokko kan mul'dhachaa jiran akkasumatti G7 fii fottoqtoota adda bilisummaa oromoo kan ta'an irratti xiyyeeffachuudhan haala yeroo ammaa hojjatamaa jiru shanee fii dhaabbata adda bilisummaa oromoo akkasumas warra jijjiiramaa G7 wajjin kaayyoo geggeeffachaa warra jiran kana hunda irratti xiyyeeffachuudhan yaada gabaaba tokko kanan ammaan dura dhiyeessen kan wal fakkaatu fii adda baatee xiqqo kan qabu ammas irra deebi'een dhiyeessuu barbaada.

Duraan dursee garee G7 wajjin marii geggeessa warra jiru irratti xiyyeeffannee waan tokko ilaalun barbaachiisa ta'a jedheen yaada.innis yeroo ammaas ta'ee yeroo kamiyyuu habashootni qabsoo bilisummaa oromoo kan hin feene fedhii mitii akkasumas walabummaa oromoo arguu miti gurraan dhagahuu kan hin barbaadne habashootni nuti garuu rageen jijjiirama jechuun maqaa ofitti moggaase kan yeroo ammaa nama dhuunfaa tokkoon hoogganaman G7 wajjin marii jalqabuun isaanii ni yaadatama.egaa ani as irratti akka nama tokkotti gareen jijjiiramaa kun ginbot7 wajjin maalif marii hin taane jalqaba jechuu koo otuu hin ta'in warra habashaa kana wajjin wal taanee hojjachuun dirqama ta'ee yoo kan argamu ta'eef waan lama hubachuun barbaachisaa ta'a jedheen yaada.

waanti lamaan hubachuun dirqama ta'uu qabu keessaa inni duraa har'as akkuma kaleessaa otuu tokkummaan keenya bakka tokkotti gadi hin dhaabbatin alagaa wajjin hirmaachun rakkina kaleessa warra habashatin nu irratti geggeeffamaa turef ammas kan karaa banu ta'u isaa waan hunda dura haala kana gadi fageessanii hubachuun dirqama keenya isa duraa ta'uu akka qabuu fii fuula duraaf otuu nuti lammiin oromoo walii galtee fii tokkummaan keenya bu'uura tokko hin qabne tokkummaa dhabuu keenya bira dabarree alagaa wajjin waliif galuun kan danda'amus natti hin fakkaatu.sunis bakka tokkummaa hin qabnetti mirga ofii falmachuun akka hin danda'amnee fii mootummaan faashistii wayyaanee nurraa akka kufu duwwaa sammuu keenya keessatti qabachuudhan otuu tokkummaa hin qabannee akka warra jijjiiramaatti marii tokko malee mana keenyaa baanee mana namaa keessatti wal gahuun yoomiyyuu furmaata ummata oromoo kan fiduu danda'us miti.waanti tokko kan nuti amma ammaa kanatti gadi fageenyan hubachuu dadhabne tokkotu jira.sunis article 39 yeroo sana ummata eertiraatif jedhamee seera mootummaa ce'umsa yeroo sanaa keessatti akka bakka qabatu kan godhan ilmaan tigraay yeroo ammaa kana warri habashaa lakkofsa 39 kana cimsanii balaaleffatu.balaaleffannaan lakkoofsa 39 iree ofii ofiin murteeffachuu anga fottoquutti kan jedhu warri habashaa waan gara biraatif hin jibban.kan isaan jibbaniif waa'ee ummata oromoo irraa shakkii guddaa waan qabaniif malee isaanis akkuma keenyatti lakkoofsa kana jalatti seerri jiru akka isaanif kabajamu ni barbaadu ture.amma garuu tokkummaa ethiopiatif lakkoofsi 39 baayyee yaachisa kan jechaa jiraniif  sababa oromoon yeroo hunda gaafii abbaa biyyummaa isaa gaafatuuf warri habashaa dhiphachaa jiru.

Haala kanaan wal qabatee waanti inni lammaffaan atattamaan hubatamuu qabu rakkoo kaleessa ture kan ammas jiru kan borus jiraachuuf deemu jajjabeessinee ofirraa eeguu kan qabnu keessaa inni tokko tokkummaa waan jedhamu irratti cichaan hojjachuudha.kaleessas gaafa addi bilisummaa oromoo biyya keessa turetti maddi tokkummaa keenyaa eessa irraa ka'ee eessatti deemaa akka jiru otuu hin hubatin waanti hojjatamaa ture haalan guddaadha.hojiin hojjatamaa ture sunis kan bu'aa tokkollee agarsiise hin taane kunoo akkuma amma jirru kanatti bakkuma jirrutti deddeebinee akka deemnu nu taasisuuf karaa nuuf saaqe malee jijjiirramni yeroo sana irraa kaasee amma yeroo ammaa kanatti mul'dhate kan jiru natti hin fakkaatu.

Egaa akkuman duraan ibsuuf yaaletti habashaa wajjin hojjachuuf yaada lama hubachuun dirqama ta'a kanan jedhe inni duraa kan asiin olitti gabaabbinaan tuqame yommuu ta'u kan lammaffaa garuu akkuman duraan ibsuuf yaaletti habashaa wajjin waliif galuun kan nama dhibu ykn kan nama yaachisullee miti.garuu walii galtee gaafa jenne rakkoo baay'etu jidduu kana jira waan ta'eef kana daraan dursinee hubachuun murteessaa waan ta'eef sirna waliif galtee habashootaa kana kan bifa lamatti addaan baafnee hubachuu nu dandeessisu inni duraa lakkina kaleessa keessa dabarree fii kan boru keessa darbuuf teenyu of duuba deebi'anii xiinxaluun gaarii natti fakkata.

Asi irratti gabaabbinaan waantin jechuu barbaadu tokkummaan keenya cimee abdii wali irraa qabachuun keenya amansiisaa yoo ta'eef habashaa wajjin walii galuun waan tokkollee kan nu gufachiisu natti hin fakkaatu.sanaan alatti garuu bakka ofii keenyaf wal amanuun hin jirretti amanamaa taanee amansiisuu bakka hin dandeenyetti alagaa wajjin waliif galuun akkuma kaleessa goobana dachee nu keessaa bahee namota baayyee of jala hiriirsudhaan karaa saaqetti kan boru nu eeggatu haala kanaan wal fakkaata.kanaafhabachaa wajjin walii galteen waliin hojjachuu dirqama kan ta'u yoo ta'eef duraan dursinee mana namaa deemnee ijaarree kan keenya jiksuu dura tokkummaa fii wal amantaan waliin hojjachuu fii humna tokkoon waliin tarkaanfachuun keenya erga amansiisaa ta'ee booddee abbaa barbaadne wajjin humna tokko taanee hojjachuun waan rakkoo fiduu danda'u miti.warri habashaas akkuma keenya walabummaa barbaadu yoo ta'eef kaayyoon keenya wal fakkaata.garuu maqaa walabummaa ethiopia jedhu qabatanii deemunis isaanif yoo kan mijjaawu ta'e nuti erga mana keenyaa fii humna keenya cimsannee booddee isaan wajjin dibbee rukutnee ethiopia jechuun waan nutti jabaatu miti.humna tokko taanee sirna mootummaa wayyaanee irratti qabsaayun murteessaa waan ta'eef warri impayerii sana keessatti mirga isaatif falmatu hundi kaayyon keenya waan tokko ta'eef wal faana qabsaawun kan rakkoo nutti fidu hin ta'u.garuu warri habashaa kun walabummaa oromootif angam tokko jaalala qabu jennee yoo ilaallef kun gaafii biraa keessa nu galcha.egaa waantin asirratti yaada koo kan dhumaa jechuu barbaadu ofii keenyaf yoo tokkummaan keenya amansiisaa ta'eef habashaa waanti waliin qabsaayuu nu dhoowwu tokkollee akka hin jirree fii duraan dursinee tokkummaan keenya caayaa tokko jalatti erga kunuunfamee booddee habashas ta'ee warra gara biraa wajjin qabsoo hidhannoos ta'ee kan siyaasas geggeessun kan nu tarkaanfachiisu malee kan of duuba nu deebisu natti hin fakkaatu jechuun barbaada. 

Aucun commentaire: