jeudi 22 septembre 2011

    Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan bakka jirtan hundatti isin haa gahu kabajamtoota,jaalatamtoota fii sabboontota ilmaan oromoo hunda keessan nagaan koo isin haa dhaqqabu jedhee ergan nagaa koo kan oromummaa isinitti dhaammadhee booddee waantin jechuu barbaadu asiin gaditti argama.
    Sunis akkuma beekamutti oromooon aadaa bareedaa fii waan bebeekamaa biyyyota addunyaa irratti hin argamne hunda akka qabu kan beekamu yommuu ta'u adaa oromoo bebeekamoo sana keessaa irreechi/irreessi/isa tokko kan ta'e yommuu ta'u irreessi kun gabrummaa ummata oromoo irra ture irraa kan ka'e yeroo dheeraf dagatamee akka turee fii yeroo ammaa kana garuu qabsoo hadhawaa ilmaan oromoo geggeessaniin seenaa fii aadaan oromoo ammi tokko gabrummaa habashootaa jalaa ba'uudhan yeroo ammaa kana biyya oromiyaa hundaa fii biyyota alaa keessattis haala kabajamaa ta'een kabajamaa akka jiru warri ayyana kana irratti hirmaatanii fii warri akeeka ayyaanichaa hubatan dubbataniiru.
    Haaluma kanaan onkololeessa 2/10/2011 akka lakkoofsa oromootti biyya keenyaa magalaa nairobi keessatti sirna hoo'aa ta'een kabajamee ooluf jala bultiin hojjatamaa jiraachuu isaa koreen qindeessituu ayyanichaa ifa godhanii jiru.egaa biyya kenyaa keesssatti kan argaman waldaan hawaasa oromoo biyyatti ayyana kana sirna barbaachisaa ta'een kabajanii ooluf jala bultiin qophii ayyanichaa gara raawwannaatti adeemaa akka jirus itti dabalanii dubbatanii jiru.
    Bifuma wal fakkaatun EUROPE biyyota adda addaa keessatti ayyanni irreechaa kun kabajamuuf qophiileen adda addaa raawwatamaa akka jiran qindeesitootni ayyaanichaa ni dubbatu.haaluma akanaan wal qabatee biyya norway keessatti baatii fulbanaa bara 2011 magalaa oslo keessatti sirna oo'aa ta'een kabajamee kan oole yommuu ta'u sirna ayyaanichaa irratti hayyuuleen oromoo beektotno oromoo fii ayyu dureelen adda bilisummaa oromoo akka irratti argamanis odeeffannoon naannoo sana irraa nu gahe kan addeessu yommuu ta'u sirna ayyaaneffaannaa kana irratti nutis qaaman argamnee akka itti gammadnes ibsuun barbaada.
     Biyyota alaa keessatti biyyota america,canada;austiralia,fii naannoo adda addaa hundattis haaluma wal fakkaatun kan kabajamuu fii kan kabajames yommuu ta'u biyya keessattis oromiyaa guddoo keessatti haaluma wal fakkaatun kabajamuuf jala bultiin raawwatamee jiraachuu isaa miseensota fii sabboontota oromoo hunda hubachiisuu barbaadna.

Aucun commentaire: