jeudi 1 septembre 2011

Biyya irraa baqatanii biyya dimokiraasii qabdu keessa jiraachuun bilisoomuu miti.

     Biyyaa baqatanii biyya dimokiraasii qabdu keessa jiraachuun bilisoomuu miti mata duree jedhu jalatti baqattoota oromoo warra biyya irraa baqatanii biyyoota adda addaa keessa jiraataniif yaada qophaawe yommuu ta'u barreeffamni kun fuula duraaf baqattoota oromoo kana irratti xiyyeeffachuudhan ballinaan ni dhiyaata.
     Egaa waa'ee baqattoota oromoo biyyoota addaa addaa keessa jiraatan hunda asirratti waantin qeequu barbaadu akkuma beekamutti baqaattootni oromoo kun yeroo duraatif gaafa biyya irraa baqatanii biyya ollaa seenan waa'ee miseensummaa ykn deeggartummaa adda bilisummaa himatanii akka koolu galtummaan kennamuuf kan gaafatan yommuu ta'u waa'ee adda bilisummaa oromootin erga koolu galtummaa argatanii booda carraa biyya sadaffaa gara biyyota addaa addaatti akka deeman carraa argatu.carraa kanatti gargaaramuudhan erga biyya sadaffaa argatanii booda america,canada,europe,austiralia fii biyya carraan isaanii isaan qunnamsiise erga argatanii booda biyya sana keessatti hojiin isaan adda bilisummaa oromootif hojjatan maal fakkaata?jennee yoo wal gaafanne haalli isaa waan baayyee nama gaddisiisu ta'ee argama.
     Haalli baqattoota oromoo kun maqaa kaleessa adda bilisummaa oromootin carraa argatan sana irraanfachuudhan addi bilisummaa oromoo eessa akka jiruu fii maal irra akka jirullee warra irraanfatan keessaa baqattoota tokko tokko maqaa kaasuun ni danda'ama ture garuu kaayyoo ofii kan ganama qabatanii manaa bahan kan itti biyya irraa baqatan irraanfachuun waan gaarii natti hin fakkaatu.sunis yeroo ammaa kana haalli baqattoota oromoo biyyota tokko tokkoo yoo ilaalle kan baayyee nama gaddisiisu ta'uu isaas akkuma hubatametti biyya keessa jiran sana keessatti akka waan biyya sana bilisa baasuuf dhaqanii tokkotti magaalaa magaalatti addaan wal qoodudhaan yakka gurguddaa wal irratti akka hojjachaa jiranis baqattoota biyya canada jiran irraa hubatamee jira.haalli kun ammas kan fooyya'e otuu hin taane damee baasee babbal'dhachaa jiraachuu isaa fii qabsoo bilisummaa oromoo irraanfatanii ammas kutaan wal qooduu jalqaban.
     Waa'ee kana irratti waan guddaa kaasuun barbaada ture garuu baqattootni warri dhugaadhan adda bilisummaa oromoo fii dhaabbata oromoo warra haqaaf hojjatu wajjin warri sirnaan hojjachaa jiran akka abdii hin kutatneef jecha gochaalee baqattoota oromoo warra kanadaa fii america keessa jiranii kaasun gaarii waan natti fakkaachuu dideef walumaa galatti rakkinni jiraachuu isaa kaasee bira darbuun barbaada.haala kana keessatti warri oromummaa isaanis of irraanfatanis akka jiranillee otuun hin tuqin bira darbuu hin barbaadu.kana malees waantin jechuu barbaadu  
warri kaleessa gaafa biyya keessa jiran qabsoo adda bilisummaa oromoo keessaa qooda qaban ammallee abbaan barbaadde yoo wal qooddee diina walitti taateyyuu nuti kaayyoon keenya kaayyuma keenya jechuudhan qabsoo isaanii waan hojjachuu danda'an hunda hojjachaa jiru.
     Haaluma kanaan wal qabateekaleessa nuti miseensa adda bilisummaa oromooti jechuudhan maqaa guddaa kana ofirra tuuludhaan erga biyya walaboomte seenanii booda garuu adda bilisummaa oromoo jechuun maal jechuudha jedhanii gaafii adda addaa warri gaafachaa jiranis jiru.kun egaa waan nama gaddisiisu keessaa inni guddaa waan akka kanaa ta'uu isaati.kana malees website "Qeerroo" keessa seenanii waan hin taane hunda warri barreessaa jiranis warruma eenyummaa isaanii irratti shakkii ofirraa qabanii fii warra kaleessa shillixoo wayyaanee sooramaa turan akka ta'es hojii isanii irraa hubachuun danda'amee jira.
     Sabboontotni fii qabsaayonni adda bilisummaa oromoo ammas yoo biyya bilisoomtee fii biyya dimokiraasii qabdu keessa jiraataniyyuu hojiin isaanii akkuma kaleessaa dhaaba isaanii wajjin hojjachaa jiru malee kaayyoo isaanii warra jijjiire ammallee hin argine.garuu warra jalee wayyaanee turtee hojiin ishee gaarii ta'uu gaafa dide yeroo wayyaanen of irraa haritu gara biyya ollaatti baqatanii nuti adda bilisummaa oromoo deeggarra jechuudhadhan koolu galtummaa gaafatu.erga carraa kanas argatanii biyya dimokiraasii qabdu gahanii boodallee shillixoodhuma wayyaanee sanatu duraa mul'ata waan ta'eef miseensota adda bilisummaa oromoo jiddutti akka walii galteen hin cimneef olola kaasu.isaanis eenyufaa akka ta'an garuu sabboontotni haqaa tokkoon tokkoon isaanii seenaa jiru kana gadi fageenyaan beeku.
     Egaa abbaan barbaadde ammas biyya sadaffaa keessas ta'ee biyya oromiyaa keessatti wayyaneef jalee yoo taateyyuu nuti abdii hin kutannu jedhu sabboontotni bilisummaa oromoo hundi isaanii walii galteen isaanis akka warra jalee kanaan hin bittinnoofnes akeekkachiisa waliif kennaa akka jiranis hubatamee jira.
     Yeroo ammaa kana "Qeerroon" biyya keessa taa'ee hojii amansiisaa fii boruuf abdii guddaa kan qabu hojjachaa jira.hojiin isaanis biyyoota addaa addaa keessa deeggarsa kan argatee fii fuula duraafillee abdii guddaa kan qabu ta'uu isaa sabboontotni oromoo hundi itti amananii jiru.garuu warri erga biyya sadaffaa argatanii booda of wallaalan kun qeerroon sodaatee akka hojii isaa dhiisuf waan adda addaa itti barreessaa jiru.telephonanis bilbilanii lakkii waan kana dhiisaa dargaggoota oromoo hin ficcisiisinaa jedhanii akka hojiin isaanii laaffatee wayyaanen biyya keessa turtuuf tattaaffii cimaa warri gochaa jirus warra kaleessa jalee wayyaanee turtee fii gahee hojii dhabuudhan achi keessaa warra hari'amtedha malee sabboontotni dhugaa waan akkasii lammii ofiitif hin yaadan.warri waan kana hojjachaa jiranis eenyufaa akka ta'an tokkoon tokkoon isanii beekamanii waan jiraniif kaleessa maal irra akka turanii fii ammas maal gochuu akka barbaadaillee itti qaqqabamee jira.
     Haaluma kanaan wal qabatee bara 2010 erga america seenani booda yeroo ammaa kana yoo dubbisuuf tattaafatteyyuu afaan english malee hin dubbatan.kanaaf kun omaa jechuus miti.beekumsas natti hin fakkaatu.duraan dursa garuu eenyummaa ofitti amanuun murteessaa natti fakkaata.qabsoon warra haqaa garuu ammas borus yoomiyyuu taanan itti fufa.ololli jalee wayyaanee fii warra kaayyoon arkaa badee garuu sabboontota oromoo abdii hin kutachiisu.walumaa galatti komiin ani baqattoota oromoo irraa qabu kana duwwaa otuu hin ta'in fuula duraaf amma danda'ametti yeroo isaa eeggachuudhan kan dhiyaatu ta'uu isaa asumaan isin hubachiifna.
       ***Abbaan barbaadde fira diina godhattee diina fira godhachuudhan ilmaan oromoo irratti yoo duulaa jiraatteyyuu qabsoon keenya galma gahuun isaa hin hafu***Haqaaf falmanna waan ta'eef ni bilisoomna***jecha kana akeekkadhaa!

Aucun commentaire: