samedi 3 septembre 2011

Akeekkachiisa Sabboontota Oromoo Hundaaf

      Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan isin haa gahu kabajamtoota,jaalatamtoota,sabboontota ilmaan oromoo hunda keessan ergan nagaa koo kan oromummaa isinitti dhaammadhee booddee waanti ani as irratti isin hubachiisuu barbaadu haala yeroo ammaa biyya keessas ta'ee biyyaan alatti waanti hojjatamaa jiru waan guddaa ta'uu isaa fii kittillayootni wayyaanee biyya keessaa fii biyya alatti ilmaan oromoo irratti shirri isaan hojjachuuf tattaafachaa jiran bakka hundatti itti qaqqabamee jiraachuu isaa hubannee jirra.
      Haaluma kanaan wal qabatee paltalk maqaan isaa "oromiyaa wiirtuu gadaa bilisummaa oromoo"kan jedhamu kan biyya america keessa maadheffatee jiru yeroo ammaa kana sabboontota horachuuf tattaaffii yoo godhanillee room kana keessatti basasota wayyaanee warra kaleessa shillixoo wayyanee sooramaa turtee akkasumas booji'amtoota wayyaanee fii harcaatuu dargii kan taate hundi room kana keessatti argamuudhan yeroo ammaa kana jeequmsa guddaa huumudhaan akka oromootni waliif hin galle gochaa jiru.
       Isaanis yeroof maqaa isaanii kan dhugaa itti qaqqabuun kan hin danda'amne yoo ta'eyyuu fuula duraaf garuu karoorri itti qabatamee jiru jaleewwaan kana maqaa isaanii fii bakka dhaloota isaanii akkasumattis document isaanii wajjin dhiyeessuf karaa mijjessaa jiraachuu keenya itti daballee beeksisuu barbaadna.
     Haalli isaan hojjachaa jiranii fii tokkummaan oromootaa yeroo hunda kan wal faalleessu ta'uu isaa warri hubatan akka dubbatanitti amma danda'ameen odeeffannoo akkas fakkaatu erga argannee booddee roomii kana keessatti garee ijaarree akka gabaasa tokko tokko nu qaqqabsiisaniif hojiin hojjatamaa jiru ammallee gara milkaawinatti adeemaa jiraachuu isaas isin hubachiisuu barbaadna.
     Egaa jaleewwan kun odeeffannoo adda addaa room kana keessaa funaanudhaan gara television oromiyaatti gabaasaa akka jiranis kan hubatame yommuu ta'u hojii kana keessaa akka tokkotti waan tokko kan itti qaqqabnee jirru namni tokko mic qabatee dubbachuuf erga dubbii jalqabee booddee lakkoofsa television oromiyaa kana barreeffaa sanaan booda bilbilaa jechuudhan erga dubbatee booddee oromoota jiddutti jeequmsa guddaa akka huumes itti qaqqabamee jira.hojiin isaanii oromoota warra biyya alaa jiran irratti kan xiyyeeffate otuu hin ta'u warra biyya keessa taa'ee room kana keessatti hirmaatu odeeffannoo funaannachuuf tattaafachaa akka jiran hubatamee jira.

Aucun commentaire: