lundi 5 septembre 2011

Beela ummata ethiopia fii qabeenya mallas zenawii

    Yeroo ammaa kana akkuma beekamutti beelli cimaan biyyattii keessatti otuu argamu beelli tokkollee hin jiru jechuudhan mallas zenawii gargaarsi biyyota alaa irraa ummataaf godhamu akka irraa citee ummatni beelan dhumuuf beelli tokkollee biyya keenya keessa hin jiru jechuudhan yeroo baayyee akka mormaa jiru beekamaadha.sunis beela biyyatti keessa jiru kan yeroo ammaa websit addaa addaa irratti argamuu fii kan chanal tv addaa addaa irratti argamaa jiru hunda dhoksuuf mallasaan tattaaffin inni hin godhin hin jiru.haata'u malee akka fedhe yoo jedhee fii dhoksuuf yoo tattaafateyyuu gochi inni ummata oromoos ta'ee ummattota cunqurfamoo biyyattii keessatti argaman beela fii rakkina adda addaatin saaxiluuf tattaafachaa jiru kun boruuf kan isa gaafachiisu ta'uu waan of dagate natti fakkata.
     Haaluma kanan wal qabatee ummatni biyya sana keessa jiru otuu jimlaan beelawaa jiruu inni garuu waatii isaa daaba itti huffisuudhan keessumatti ilmaan isaa yeroo ammaa kana daaba sadarkaa addunyaatti akkaan mi'aa ta'e ykn qaalii ta'e maatii isaatti huffisaa kan kan jiru yommuu ta'u qabeenya biyyattitti jaarsaf jaartin itti bashannanuu bira darbanii ilmaan isaanii qaama guututti daaba itti huffisaa jiraachuu isaanii kan beekamuu fii kan mul'atus yommuu ta'u ummatni biyya sana keessa jiraatu garuu beela cimaa ta'een waan nyaatan dhabuudhan biyyatti irraa godhaanaa akka jiraanii fii yeroo ammaa kana balaan beelaa kun fuula duraaf akka malee yaaddessaa kan ta'e yommuu ta'u kana hunda dhoksuuf wayyaanen tattaffii isheen godhaa jirtu waldaa gargaarsa midhan addunyaa /WFP/dhaabbatni jedhamu beela biyyattii keessa jiru boruuf yaaddessaa kan ta'ee fii fuula duraaf gargaarsi atattamaa yoo hin dhaqqabin akkaan yaaddessaa ta'uu isaa dhaabbatni kun dubbatee jira.
     Kun kanumaan otuu jiruu gargaarsi karaa biyyota adda addaa warra ummata beelawe gargaaraa jiru gargaarsa biyyatti qaqqabe otuu ummataaf hin qaqqabsiisin gara biyya tigraayitti ergee daldaltootatti erga gurguree booda daldaltootni tigraay erga mallas irraa bitatanii booddee gatii mi'aa/qaalii/ta'een deebisanii ummata ethiopianitti akka gurgurachaa jiranis itti qaqqabamee jiraachuu isaa hubatameera.
    Egaa mallasaa fii Hazeeb mesfin akkasumatti ijoolleen isaanii qabeenya biyya sanaa walitti qabatanii itti bashannanaa jiraachuu bira darbuudhan akkuman asiin olitti dubbadhetti ilmaan isaanii qaama guututti daaba itti naquudhan ummatni biyyitti akka arguuf website addunyaa irratti of gabaasaa jiru.
    Haala kanaan wal qabatee beela yeroo ammaa kana dhoksuuf tattaaffin isaan gochaa jiran kan galma hin geenyee fii fuula duraafis galma gahuu kan hin dandeenye ta'uun isaas hubatamee jira.waldaan gargaarsa midhan addunyaa dhimma kana irratti yeroo darbe gabaasa bal'dhaa akka gabaases hubatameera.