vendredi 9 septembre 2011

Baqattoota oromoo biyya somaliland keessa jiran atattamaan akka bahan godhamanii jiru.

                                                                   Bakkalcha-bilisummaa-oromoo:-
    Akkuma beekamutti baqattotni oromoo biyya somaliland keessa jiraatan yeroo gabaabaa keessatti biyya sana gadi dhiisanii akka bahan odeeffannoo BBC gabasee irraa hubachuun danda'amee jira.baqattota oromoo lakkoofsan nama 100.000 ol kan ta'an biyyattii keessatti kan argaman yommuu ta'u rakkina adda addaatif biyya irraa baqatanii biyyattii keessatti koolu-galtummaa gaafachuudhan jiraachaa kan jiran yommuu ta'u yeroo ammaa kana garuu biyya gadi dhiisanii akka bahan mootummaan somaliland mahammad muhummad/siranyoo/kan jedhamu gaazexxeessitoota biyyatti walitti qabuudhan akka dubbate BBC afaan somalee irraa hubachuun danda'amee jira.
     Baqattootni oromoo kun biyya somaliland kana keessa jiraachuuf yookan biyya oromiyaa kan caaltu otuu hin taane rakkiana mootummaan wayyanee irratti geggeessaa jiru jalaa dahannoo argachuuf warra biyya sanatti baqatanidha male jiruu isaanii fooyyeffachuuf warra biyya isaanii irraa baqatan akka hin taanes oduun kun itti dabalee addeessee jira.akka maddi oduu bbc afaan somalee ragaa bahutti baqattotni ku biyyatti yoo deebi'an rakkinni isaan qunnamu kan nama yaaddessudha jechuudhan erga dubbatee booda otuu haalli kun ilmaan namaa kana irratti hin raawwatin falli tokko akka barbaadamu jechuudhan gabaase.
       Biyyi somaliland kun jireenyi isaanii qabeenya oromiyaa irraa argamuun kan jiraatan yommuu ta'u arka dhibba irraa 98 qabeenya oromiyaa irraa gara biyya isaanii kan seenu ta'uu isaas kan dubbate barreeffamni kun itti dabalees qasoon bilisummaa biyyattii sanaa kan somale national movment/S.N.M./kan geggeeffamaa ture gargaarsa biyya oromiyaa irraa argataniin biyya isaanii akka walaboomsanis beekamaadha.yeroo ammaa kana garuu sana hunda otuu beekan ilmaan oromoo warra isaan jalatti baqatee gaaddisa isaan godhatee jiraachaa jiru guuranii mootummaa habashaatti kennuuf hojii raawwachaa jiru.haaluma akaan wal qabatee haalli baqattoota kanaa yeroo ammaa kana haala yaaddessaa keessatti waan argamuuf bakka jirtan hundatti qaama dhimma kanaaf furmaata kennuu danda'utti akka nuuf iyyitan dhaamsa oromummaa dhaammanna.