samedi 3 septembre 2011

*Fincila diddaa gabrummaa sabboontota oromoo Qeerroo bilisummaa*

   Fincila diddaa gabrummaa yeroo dheeraf ummatni oromoo geggeessaa ture ammas kan addaan cite otuu hin ta'in jajjabaatee itti fufaa jira.fincilli diddaa gabrummaa kun gootota oromootin kan jalqabame yommuu ta'u yeroo ammaas sabboontota oromoo akkasumas goototaa fii barattoota oromootin yeroo ammaa kanas bifa isaa jijjiiratee qabsoon kun galma gahuuf adeemaa baka jirutti tokkummaan ummata oromoo laaffachuu otuu hin taane cimee itti fufuu akka qabu hayyuleen oromoo ni dubbatu.sunis qabsoo kaleessa lubbuun gootota meeqaa itti wareegame akkasumatti seenaa haqaa seenaa qulqulluu dhaloota boruu dhaalchisuuf hojiin hojjatamaa ture milkaawee yeroo ammaa kana karaa goototni oromoo dhiigan taraaranii darban irratti qabsoo cimaan geggeeffamaa jiraachuun beekamaadha.
      Kun kanumaan otuu jiruu yeroo ammaa kana warri kaleessa booji'amtoota wayyaanee turtee fii harcaatuun dargii warri turte adda bilisummaa oromoo kan jedhamu biyya keessa hin jiru jiraachuus hin danda'u kaleessas hin turre jechuudhan ummata bal'aa oromoo jiddutti olala adda addaa ofaa yoo jiraataniyyuu ummatni oromoo garuu seenaa isaa gadi fageenyaan waan beekuf jecha jaleleen wayyaanee ummata jiddutti bittinneessaa jirtu kana fudhachuuf kan yaalii godhe tokkollee hin jiru.jaleen wayyaane warri kaleessa harcaatuu dargii turte yeroo ammaa kana oromoo qulqulluu warra sabaaf laalatu of fakkeessuf tattaaffin isaan hin goone tokkollee hin jiru.garuu ummata oromoo biratti fudhatama tokkollee hin arganne waan ta'eef ummata humnaan amansiisuf karoora isheen baafachaa jirtus saaxilamee jira.
      Ummata oromoo kan bakka bu'uu danda'u nu malee hin jiru,seenaa ummata oromoos gadi fageenyan kan beeku nu malee hin jiru warri ofiin jettu kan akka abbaa duulaa gammadaa ykn minaasee walda goorgis fii kan akka kumaa dammaksaa yokan taayyee walda sanbata yeroo ammaa kana keessatti siyaasaa dullatti waggota dheeraa dura ture qabatanii ummata jiddutti olola hin taane yoo bittinsaa jiraataniyyuu oduun isaanii umma oromoo biratti hiiphoo ta'ee jira.seenaa oromoo sirritti beekna warri jettu kun warra bara 1981 akka lakkoofsa habashaatti kutaa shawaa kaabaa naannoo darraa jedhamtutti barnoota afaan oromoo yeroo gabaabduf wayyaanen kenniteef sana sababa godhachuudhan seenaa oromoo beekna jechuudhan afaan guuttatanii dubbachuun isaanii ummata oromoo dinqisiisaa jira.
    Dhaabbata dimokiraasummaa ummata oromoo jechuudhan warri maqaa ofirra tuultee saba oromoo gabrummaa itti hufifte jaleen wayyaanee fii harcaatun dargii kun yeroo irraa yerootti mootummaa naannoo oromiyaa ta'uu kan danda'u nu malee hin jiru,ummata oromoos kan bakka bu'uu danda'u nu malee hin jiru jechuudhan erga ummata gowwoomsuu jalqaban waggota dheeraa lakkoofsisaa yoo jiraataniyyuu ummata biratti garuu ammam tokko fudhatama akka qaban eenyuyyuu sirritti kan beeku ta'uun beekamaadha.

Aucun commentaire: