mardi 13 septembre 2011

Kaleessa sabboonaa kan ture har'a ammoo jalee wayyaanee ta'ee argameera.

     Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti isin haa dhaqqabu kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo warra fincila diddaa gabrummaa irratti argamtanii fii warri mirga abbaa biyyummaa oromiyaatif falmii gochaa jirtan hundi keessan bahaa dhiha,kaabaa kibbatti warri argamtanii fii biyya keessatti naannoo oromiyaa hunda keessatti cicha qabsoo bilisummaa oromootif jecha alagaan roorrifamaa jirtan hundi keessan akkam jirtu ergan isiniin jedhee booddee waantin jechuu barbaadu tokko haala hin eegamneen kan ilmaan oromoo alagaatti gurgurachaa jiru yeroo duraa garuu sabboonaa kan ta'ee fii sabboonas fakkaatee kan nu faana hojjachaa ture barataa bombaa horroo ykn girmaa xurunaa kan jedhamu barataa university haroo maayaa kan ture baatota darban keessa basaasota diinatin erga yakkamee booddee qabamee mana hidhaa wayyanee keessa turuun isaa kan beekamudha.
      Barataa bombaa horroo/girmaa xurunaa/waggota dheeraf sabboonaa fii miseensa adda bilisummaa ta'ee hojjachaa erga turee booddee sana boodas miseensa qeerroo ta'ee hojjachaa kan turee fii koree hojii raawwachiiftuu qeerroo ta'ee akka hojjachaa tures kan beekamu yennaa ta'u yeroo ammaa kana garuu bala isa baasu kan ilmaan oromoo galaafachiisu hojjachaa jiraachuu isaa maddeen keenya kan ny faana hidhata qaban gabaasaniiru.egaa waan kana irraa waanti hubatamuu danda'u namni kun duraanis qaaman sabboonaa haa fakkatu malee miseensa adda bilisummaa oromoo ta'ee hojiin isaa warra wayyaneetin kan hojjachaa ture ta'uu isaa hojii inni yeroo ammaa kana hojjachaa jiru irraa hubatamee jira.
     Haaluma kanaan namni kun akkuma qabamee mana hidhaa seenetti dhimma mataa isaatif jecha ofiif hidhaa irraa bahuuf barattoota oromoo warra isa wajjin maadhee tokko ta'anii hojjachaa turan saaxiluu kan jalqabe yommuu ta'u akka odeeffannoon kun qormataa dhagaa ta'e geggeessee nuuf gabaasetti hojiin inni barattoota oromoo warra hidhaa jiranii fii warra mana hidhaatin alatti hafanis irra deemee funaansisuu erga jalqabee booda konkolaataa badhaafamee jiraachuu isaas maddi kun itti dabalee addeessee jira.
     Barataan kun yeroo dheeraf amanamaa fakkaatee nu faana hojjachaa turuun isaas kan hin dagatamne yommuu ta'u keessumatti maadheelee ofiif ijaares yeroo ammaa kana hunda isaanii funaansisee akka jiru hubatamee jira.hojiin inni hojjate hojii guddaa ta'uu isaatif konkolaataa lakkoofsi isaa A.A 05183 kan ta'e badhaafamee achuma finfinnee keessa hojjachaa jiraachuu fii university hunda keessa deemudhaan barattoota oromoo funaansisaa akka jiru maddi kun gabaasee jira.
      Barataa girmaa xurunaa iccitii qeerroo kan sirritti beekuu fii miseensaa fii koree hojii raawwachiiftuu akkasumattis itti gaafatamaa maadheelee kan ture yommuu ta'u iccitii jiru hunda dabarsee akka wayyaanef kennee fii fuula duraafis barattoota oromoo warra isa wajjin hariiroo qabaachaa turan hunda saaxiluu irratti gadi fageenyan hojjachuuf wayyaanef waadaa seenee akka mana adabaa irraa bahes kan beekamu yommuu ta'u keessumaayyuu aamilee isaa jajjabeessuf erga wayyaanen konkolaataa badhaaftee booda university adamaa keessaa qofa barattoota 71 akka ukkaamaman godhee jira.ammas hojiin isaa itti fufeera.
       Barataa zammachuu makonnin kan jedhamu barnoota isaa raawwatee boqonnaaf akkuma maatii isaa bira deemetti duukaa bu'ee hordofuudhan otuu maatii isaa bira guyyaa lama hin turin kan qabsiise girmaa xurunaa ta'uu isaa eenyu biratti kan beekamudha.
      Bara 2009 irraa jalqabee amma qabamutti ciminaan waliin hojjachaa kan turre barataa bombaa horroo kun odeeffannoo gaarii fii yaada dhugaa irratti hundaawe dhiyeessaa akka turee fii dhaaba birattis nama amantii guddaa qabu kan ture yommuu ta'u qeerroo keessattis bakka guddaa qabaachaa akka ture dubbatama.
     Egaa walumaa galatti seenan nama kanaa kan dubbatamee dhumu waan hin taanef hojiin isaa maal irra akka gahee jiruu fii gara kamittis tarkaanfachaa akka jirus horddoffii cimaan irratti godhamaa waan jiruuf akka odeeffannoo arganneen nutis isin dhaqqabsiisuf waadaa guddaa isiniif seenuu barbaadna.
                    **Oromiyaan ni bilisoomti**    
                    **Gadaan gadaa bilisummaati**

Aucun commentaire: