mercredi 31 août 2011

Bu'uuressaan website kanaa* kiilolee birraa*

       Gara bakkalcha bilisummaa oromoo kanatti baga nagaan dhuftan,bakkalchi bilisummaa oromoo hojii jalqabuuf erga murteeffatee yeroo muraasa lakkaawwatee jira.garuu haala rakkina yeroo irraa kan ka'een yeroo barbaadamu sanatti hojii isaa jalqabuu hin dandeenye.kunis maal irraa kan ka'e yoo jenne haala jiruu biyya ormaa kan boqonnaa hin qabne wajjin walitti dabalamee yeroo dhabuu irraa kan ka'een yeroo hojii jalqabuuf murteeffatetti hojii isaa jalqabuuf kan gufuu itti ta'e rakkinan asiin olitti dubbadhe kana yommuu ta'u yeroo ammaa kana garuu barreeffama xixinnaa qopheessudhaan sabboontota oromoo hunda warra biyya keessa jiranii fii warra baqattummaan biyyota adda addaa keessa jiran hunda hirmaachisuu jalqabee jira.egaa bakkalchi bilisummaa oromoo kun ammaan duras hojii xinnoo tokko kan jaldhabee dhiise yommuu ta'u bifa barbaachisaa hin taanen kan qophaawe waan ta'ee haala hirmaannaa ummataaf mijjawun yeroo amma kana bifa gaarii ta'een hojii isaa jalqabee jira.
      Kanaaf sobboontota qabsoo bilisummaa oromoo miseensota deeggartootaa fii hawwii bilisummaa oromoo akkasumas hadooddii oromummaa warri qabdan ilmaan oromoo hundi keessan hirmaannan keessan nu faana akka ta'uu fii fuula duraaf gamtaa tokkummaa keenyaa cimsachuuchuudhan rakkina kaleessa ture irraa barannee kan boruutif itti haa qophoofnu.ammaan duras otuu biyya qabnuu otuu qabeenyaa fii beektotas ta'ee goototas qabnuu sababa tokkummaa dhabuu keenyyaa duwwaaf alagaan karaa nutti argattee warra garaan gurgure nu keessaa funaantee leenjifachuun akka bittaa gabrummaa warra habashaa jalatti kufnu nu taasisee kan jiru tokkummaa dhabuu malee waan biraa tokkollee kan nuti dhabne tokkollee hin jiru ture.

2 commentaires:

Abbaa magaal a dit…
Ce commentaire a été supprimé par l'auteur.
Abbaa magaal a dit…

Jaalle kiilolee birraa duraan dursee akkam jirta nagaa keetii jedhee nagaa koo ergan sitti himee booddee waanti guddaan ani siin jechuu barbaadu hojii guddaa fii wareegama lubbuu ati lammii keetif hojjachaa jirtu kanakka malee nu boonsee fii oromootni marti sitti boonaa akka jiran ergan itti himee booda jajjabinni ani ammaaf siif kennuu danda'u hojiin kee hojii cimaa seena qabeessa waan ta'eef ummata oromoo biratti bakka guddaa argatee jira waan ta'eef hojiin kee akka addaan hin citnee fii fuula duraaf haaluma kanaan akka itti fuftu siin jechaa nutis si faana jirra waaqayyos hojii kee kanaaf si bira haa dhaabbatu sabboonaa oromoo jiraadhu umrii dheeradhu.ani yeroo baayyee otuun face book kee hin daawwatin hin oolu yeroo hunda akkan facebook kiyya baneen otuun ergaa tokko kiyya keessa hin ilaalin duraan dursee kan keen ilaala.kun hawwii kiyya isa duraa natti ta'ee jira.jajjabaadhu sabboonaa oromoo.otuu oromoo hundi akka kee kanattoi yaadde murtii tokkoon hojjatu ta'ee oromiyaan turee bilisoomte ture.galatoomi kiilolee birraa galatni kee bilisummaa haa ta'u.